Fana: At a Speed of Life!

Afaaritti faayidaa Temiiriirraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 8, 2017 (FBC)-Naannoo Afaaritti oomishtummaa Temiirii babal’isuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa naannichaa beeksise.

Haalli qilleensaa naannichaa misooma temiiriif mijataa ta’us, qixa barbaadamuun faayidaa argamsiisuu akka hindandeenye Biirichatti Daayrektarri Misooma Hortiikaalcharii Ahimad Amiin ibsaniiru.

Yeroo ammaas aanaalee Afamboo fi Asaayittaatti lafti hektaarri 302.5 biqiltuu temiraan uwwifamuu ibsaniiru.

Biqiltuu kanarraa omishi hanga kiiloo giraamaa 30 akka argamu himanii, gariin horsiisee bultoonni kuma 1 fi 753 damicharratti hirmaachuun fayyadamtoota ta’aa jiraachuu kaasaniiru.

Omishichi faayidaa fayyummaaf qabutti dabalataan biqiltuun isaa ijaarsa manaa fi meeshaalee aadaa garaagaraa hojjechuuf kan oolu ta’uun himameera.

Faayidaa damee hedduu biqiltuun kun qabu giddugaleeffachuun bal’inaan oomishuu fi abbootiin qabeenyaa bal’inaan akka hirmaatan taasisuuf xiyyeeffannaan kennamuu akeekaniiru.

Naannichatti sanyii Temiirii biyya alaarraa galan 14 fi biyya keessaa lama jiraachuu ibsaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.