Fana: At a Speed of Life!

Afaaritti aadaan Xaafii oomishuu babal’achaa dhufuun himame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC) – Naannoo Afaaritti aadaan Xaafii oomishuu babal’achaa dhufuu Biiroon Qonnaa naannichaa ibse.

Naannichatti Xaafii oomishuun Bara 2012 kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa aanaalee naannichaa hedduu keessatti babal’achuun misoomaa jiraachuu biirichatti Daayrektarri Misooma Midhaanii Obbo Hamaduu Mahaammad ibsaniiru.

Yeroo ammaa aanaaleen 28 Xaafii Kilaasteraan oomishaa jiraachuu himaniiru.

Bara oomishaa 2016/17 lafa hektaara kuma 8 fi 188 irratti Xaafiin misoomuu dubbataniiru.

Aadaa kana caalmaatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.