Fana: At a Speed of Life!

Afaan Oromoo afaanota bal’inaan dubbataman taasisuuf biirichi gahee isaa akka bahatu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojiilee Hiikkaa ‘Guugil’ (Google Translate) Afaan Oromoo irratti hojjatamaa jiruuf gahee isaa akka bahatu beeksise.

Ittaanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Girmaa Baayyisaan, biirichi Waldaa Afaan Afrikaa (Afan Africa Association(3A) )jedhamuu waliin Hiikkaa ‘Guugil’ Afaan Oromoo irratti hayyoota afaanichaa waliin ta’uu Afaan Oromoo sadarkaa addunyaatti afaanota bal’inaan dubbatamuu fi tajaailaaf oolan taasisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsan.

Ogeeyyii barnootaa kollejjoota Barnootaa keessaa barsiisan, barsiisota manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa keessatti Afaan Oromoo Barsiisanii fi ogeeyyii biirootti fayyadamuun Afaan Oromoo Hiikkaa Google irratti akka waalta’uu fi qulqullina qabaatu kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Daayrektarri Olaanaan Waldaa Afaan Afrikaa Obbo Abdiisaa Baancaa Jaarraa, Afaan eenyummaa, aadaa, duudhaa fi safuu ummata tokkoo sadarkaa addunyaatti kan ibsu waan ta’eef Oromoon gahee isaa bahuu qaba jedhan.

Afaan Oromoo eeyyama Hiikkaa Guugil akka argatu, Afaan Saba bal’aan dubbatamu Afaan Addunyaa akka ta’u dabalataan afaan saayinsii fi teeknooloojii akka ta’u waggoota saddeetiif bu’aa bahii ce’uun sadarkaa hara’aarraa kan ga’e ta’uu himanii, Afaan Oromoo waalta’aa fi qulqullinaan hiikkaa guugiliin caalaa filatamaa akka ta’u hayyootaa fi ogeeyyii Afaaniin deeggaramuu qaba jedhan.

Kanas Biiroon Barnootaa Oromiyaa galmaan akka gahu amantaan qaban ibsaniiru.

Walitti Qabaan Boordii Waldichaa Pirofeesar Tashoomaa Soorsomaa hojii waldaa Afaan Afrikaa hojjataa jiru, dhimma ummatni keenya addunyaa keessa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef ummata keenyaa fi dhaloota egeree seenaa boonsaa dhaalchisuu qabna jedhaniiru.

Afaanota addunyaa irratti dubbataman kuma 7 keessaa Afaan Oromoo dabalatee afaanoni 133 qofti hiikkaa Guugil irratti kan galmaa’an ta’uu ragaan Biiroo barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Afaan Oromoo waaltessuu fi qulqullinaan addunyaaf gumaachuun dhimma Oromummaa waan ta’eef gahee keenya haa baanu jedhaniiru.

Afaan Oromoo hiikkaa Guugil (Google Translate)tti fayyadamuun gara afaanota 132’tti hiikuu ykn afaanota Guugil irratti galmaa’an gara Afaan Oromoo’tti hiikuun waggoota sadiin dura eegalamuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.