Fana: At a Speed of Life!

Afaan Oromoo addunyaatti sirnaan beeksisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Imala Afaan Oromoo Dijitaaleessuu ilaalchisee qooda fudhattoota waliin Adaamaatti mari’atamaa jira.

Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Afaanoota Afirkaa waliin ta’uudhaan Afaan Oromoo dijitaalessuuf hojii hojjetaa jiran irratti mari’ataa jiru.

Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Afaan Afrikaa (3A) waliin ta’uun Kolleejjiiwwan Barnootaa Oromiyaa 13 irraa ogeeyyii damichaa hirmaachisuun haala itti qulqullina afaanichaa fooyyeessuun danda’amuu irratti marii gaggeessaa jiru jedhameera.

Afaan Oromoo afaan addunyaa akka ta’uuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu Biiroo Barnootaa Oromiyaatti qindeessaan garee daayrektaroota barnoota olaanoo Obbo Rattaa Nagawoo ibsaniiru.

Afaanichi google’tti dabalamuus caalmaatti afaan addunyaa akka ta’uuf qabiyyee afaanii irratti hojjechuu barbaachisa ta’uu Walitti qabaan Waldaa Afaan Afrikaa Abdiisaa Bancaan eeraniiru.

Dura Taa’aan Boordii Waldaa Afaan Afrikaa fi barsiisaan Yuunivarsiitii Finfinnee piroofeesar Tashoomaa Sooromsaan barreeffama gabaabaa marii kanarratti dhiyyeessaniin Afaan ‘google’ irratti dabaluu qofti gahaa waan taaneef qulqullina irratti hojjetamuu akka qaba hubachiisaniiru.

Hojiin Afaan Oromoo dijitaaleessuun Turizimii fi Invastimantii dabalatee guddina diinagdee biyyaaf gumaachu olaanaa qabaachuu eeramuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.