Fana: At a Speed of Life!

Afaan hojii mootummaa Naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa Afaan Amaaraa akka ta’u sagalee guutuun ragga’e

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Afaan hojii mootummaa Naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa Afaan Amaaraa akka ta’u sagalee guutuun ragga’uu ibsameera.
Naannoon Kibbaa Lixa Ityoophiyaa naannoo 11ffaa ta’uun ifatti hundaa’eera.
Sagantaan hundeeffama naannichaa bakka keessummoonni kabajaa, bakka buutoonni godinaalee 5 fi aanaa addaa argamanitti magaalaa Boongatti gaggeeffameera.
Afaan hojii mootummaa Naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa Afaan Amaaraa akka ta’u sagalee guutuun kan murtaa’e yoo ta’u caasaaleen godinaalee ammoo afaan mataa isaanii akka fayyadaman murtaa’uu himameera.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.