Fana: At a Speed of Life!

Af-yaa’iin obboo Taaggasaan daandii magaalaa Aarbaa Mincitti ijaaramu eegalchiisan

Finfinnee, Muddee 19, 2012 (FBC) – Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo  daandii magaalaa Aarbaa Mincitti ijaaramu eegalchiisan.

Obbo Taaggasaan rakkina bu’uuralee misoomaa magaalittii furuuf galii damichaarra argamu guddisuun barbaachisadha jedhan.

Daandichi ijaaramuun sochii hawaasummaa, diinagdee fi jiraattoota magaalittii fayyadamoo ni taasisa.

Ijaarsichi qulqullinaa fi yeroo yaadametti akka xumuramuuf mootummaan hordoffii barbaachisu akka taasisu eeraniiru.

Bulchaan godina Gaamoo obbo Birhaanuu Zawdee gama isaniin daandiwwaan hin haaroomfamiin turaan daandiiwwaan magaalaa fi miidhagina magaalaa balleessuurra darbee gaffii bulchiinsa gaarii ta’ee tureera.

Ijaaramuun dandiichaa gaffii misoomaa hawaasaa furuurra darbee balaa tiraafikaa akka hir’isu himaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.