Fana: At a Speed of Life!

Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Adaam Faaraahi bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Adaam Faaraahi bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Afa-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Itiyoophiyaa Adaam Faraahi ergaa baga geessanii dabarsaniin barri darbe weraara Covid-19 dabalatee gufuuwwaan alaa fi keessaa raawwii karooraa keenya ulfaataa taasisuuf qormaata nu mudate dandamachuun hirmannaa sabaa fi sab-lammootaa fi uummatoota haqa- qabeessaa fi fayyadamummaa kan mirkaneessan milkaa’ina hawaassummaa, diinagdee fi siyaasaa bara itti galmeessine ture jedhan.

Keessattu dhimma hidha laga Abbaaya irraatti waaranni miidiya afi dipiloomasii sababa guutinsaa bishaanii marsaa duraan nurratti labsamee ture, kunis tokkummaan dhaabane milkaa’inaan xumuruu keenya kun immoo tokkummaan yoo dhaabanne gufuuwwaan nutti hin dabaree akka hin jiree nutti agarsiisa miiraa hin danda’amu jedhu cabsiinee danda’uu keenya adduunyatti misirrachoo bara itti dhageesifne jedhan obbo Adaam Faraahi.

Bara darbe mirgi ofiin of-bulchuu taasifamuun dabalataan bu’uuraalee misooma hir’ina qaban waliin uummanni fayyidama akka ta’uu hojjetameera jedhaniiru.

Manni Maree Federeeshinii olaantumaan heeraa mootummaa akka mirkanna’uufi sabaa fi sablamoonni heeraa mootummaa akka kabajan, naannoolee biyyatti hundatti guddinni walfakkatan akka jiraatu akkaasumas biyyaa walqixxumman keessatti dagaagee akka taatuuf yeroo kamuu caalaa ciminaan akka hojjetu naan mirkaneessa jedhaniiru.

Maddi : EBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.