Fana: At a Speed of Life!

Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo jila itti aanaa ministeera nageenyaa Israa’eel waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo jila itti aanaan Ministira Ministeera Nageenyaa Israa’eel Gaadii Vaarkaan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin hariiroo uummataa fi paarlaamaa biyyoota lameenii gidduu jiru cimsuuf koreen michummaa Ityoophiyaa fi Israa’eel hundeessuu obbo Taaggasaan ibsaniiru.

Israa’eel dameewwan barnootaa, fayyaa, saayinsii, teeknooloojii, qonnaa fi misoomaan Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjachaa jiraachus himaniiru.

Itti aanaan Ministira Ministeera Nageenyaa Israa’eel Gaadii Vaarkaan, hariiroo baraa dheeraa Ityoophiyaa fi Israa’eel qaban kaasuun, hariiroo paarlaamaa cimsuuf koree michuumma hundeessun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf akka gargaaruu ibsaniiru.

Weerara Awwaannisaa Ityoophiyaatti muudate ittisuuf torbee tokko booda mootummaan Israa’eel deeggarsa taasisee gara Ityoophiyaa akka dhufuu himuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.