Fana: At a Speed of Life!

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa ayyaana irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Sabni guddaan hidda latiinsa Kuush, Gaanfa Afriikaa irra jiraatu, Oromoon waaqa marga magarsee firiin badhaaseef, waaqa namaafi uumama hundaaf nagaa kenneef birraa barii galata qabatee irreeffannaaf malkaatti baha jedhan.

Irreechi guyyaa galataa ta’uu eeraniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Irreechi calaqqee sirna Gadaati. Sirna dimookiraasiifi bulchiinsa ammayyaa, falaasama addaafi sirna waa maraan badhaadhedha. Irreechaan hariiroo uumaafi uumamaa gidduu jiru, iccitiin uumaan uumamaaf gumaache kan ittiin beeksifamu, leellifamuufi dhugeeffamudha.

Waktii gannaa, rooba samii bu’uun dacheen magariisa uffatti; lagnis guutuun hawaasa gamaa gamanaa adda baasa. Qonnaan bulaan keenyas, oyiruu isaa qotatee lafa roobaan jiidhe irratti sanyii facaafata. Sanyii biqiles aramatee kunuunsee abdii isaa boruuf wabii taasifata. Mul’ataafi abdii of keessatti qabatee kan imalu ganni gurraachi kun, barii birraa quufa arjoomuun abdii hawwiin eegamaa jirtu dhugomsa.

Birraan maree dhufu, quufaafi gabbinaan leellifama. Daraaraan asheete bilchaatee firii godhata. Soorata namaafi horii, lubbu qabeeyyiiwwan hundaa ta’uun quufa labsa. Mul’anni kaleessa ummanni keenya dukkana gannaa keessa taa’ee of fuulduratti abdii ilaalaa tures ni milkaa’a. Lagni boora’ee tures taliilee ijaafi qalbii hawwata. Wayita kanatti, Oromoon galata qabatee malkaawwan ulfoo naannoo isaatti argamanitti bahee irreeffachaa ture.

Malkaanis uumama addaa uumaan dhala namaaf arjoomedha. Oromoon Irreecha malkaatti bahee wayita irreeffatu uumama rabbiif galata qabatee biyya keessaafi alaa walitti dhufee, uumaa uumama miidhagsee tolchee guyyaa kanaan isa gahe dinqiisiifata. Gammachuufi abdii gara fuula duraatti qabuufis kadhata dhiyeeffata. Guyyaa kabajamaafi jaallatamaa kanas milkiin waliin dabarsa.

Irreechi Irree keenya; irreen gamtoome furmaata rakkoo maraati. Irreechi bu’uura hawaasummaati. Waloomaan waliin jiraachuu gabbisa; gamtaan waliin dhaabbachuu dirqisiisa; obbolummaa leellisa; walqixxummaa labsa. Irreechi saboota, sablammootaafi ummattoota biyyaa hedduun dabaalamee hawaasa miiliyoonota hedduu hirmaachisuun kabajamaa jiru kun, hariiroon obbolummaa, tokkummaafi jaalalaa, akkasumas, waliin jireenyaa Oromoon ollaa isaa waliin qabu caalmaan kan jabeessudha.

Duudhaaleen gaggaariin bu’uura hawaasummaafi tokkummaa sabdaneessummaa ta’an Irreecha keessan akka bakkalchaatti ifanii mul’atu.

Irreechi bara kanaas, miidhaginaafi hawwattummaa isaa osoo gadi hin lakkisiin, duudhaafi aadaa Oromoon faayamee, sonaafi sirna, akkasumas, naamusa ittiin gaggeeffamuun akka raawwatamuuf hunduu qooda isaa bahachuutu irra jiraata.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, duudhaaleen ummata keenyaa, qabeenya tuuriizimiif bu’uura ta’uun madda diinagdee akka ta’aniif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuu irratti argama. Caffeen Oromiyaas, hambaaleen aadaafi duudhaaleen ummata keenyaa sirnoomanii jiruufi jireenya hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa keessatti caalmaan bahanii akka mul’ataniif qooda irraa eegamu gumaachuu irratti argama.

Qabeenya waloo keenyaa kan ta’e Irreechi ibsituu eenyummaa ummata keenyaati. Sabni aadaa, duudhaafi safuu hin qabne, akka sabaatti of ta’ee, of beekee akkasumas, ijaaramee itti fufuuf ni rakkata. Kanaaf, ummanni keenya, Irreechi, sonaafi duudhaa Oromoo ganamaa qabatee madda tuuriizimii ta’uun addunyaaf gumaata ta’ee akka tajaajiluuf, biyyaaf ammoo, hawwata tuuriizimii ta’uun utubaa diinagdee akka ta’uuf kunuunsuun, tikfachuun dirqama isaa bahachutu irra jiraata.

Kanaaf, Irreecha Hora Finfinneefi Har-sadii walduraa duubaan wayita kabajnus, duudhaalee kanneen gonfannee, ergama seenaafi dirqama dhaloonni nutti kenne hubachuun tikfachuufi kunuunfachuun milkiin akka xumuramuuf hawwiin qabu ibsaa;

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Fulbaana 25, 2016

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.