Fana: At a Speed of Life!

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo bara haara sababbeeffachuu erga dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo Ummata Oromoo maraan, saboota, sablammootaafi ummattoota Ityoophiyaa hundaan baga bara haaraa 2014 nagaan geessan jedhan.

Guutuun ergichaa akka argamaan gadiitti dhiyaateera

Ummanni Oromoo, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa hundi ganna gurraacha ceetanii ifa birraa arguuf “Jala Bultii Bara Haaraa 2014 Baga Nagaan Geessan”.

Barri haaraan seenuun dura, akka dhahaa lakkoofsa biyya keenyaatti Qaammeen waktii jijjiiramaa gannaafi faaya barii birraa gidduutti argamtu yommuu taatu, torban qalbii jijjiirrannaa, torban uumaa ofii itti kadhatan, torban dhiifama itti gaafataniifi torban hawwiifi abdii bara itti aanuuf qaban waliif gumaachan akkasumas, torban taateewwan gurguddoo bara keessa ceene itti yaadannudha. Bara kanas, Qaammeen shanan baatii addaa biyyi keenya moggaasa maqaa adda addaan saganteessuun kabajaa jirtuufi har’a ammoo jala bultii bara haaraa 2014 irratti argamna.

Bara 2013, imala waggoottan sadan jijjiirama ce’uumsa siyaasaa dabarsine keessaa kan adda isa taasisu, murni shororkeessaa JUNTA TPLF biyya saamuufi hatuu amaleeffate akeekaafi galma jijjiiramichaa dursee hubachuun, injifannoo siyaasaa ilmaan Oromoofi ummattoonni biyyattii aarsaa qaalii itti kaffaluun argatan maseensuuf miira ofittummaa irraa maddeen gocha gantummaa raawwateen, mootummaan jijjiiramaas tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachuuf dirqame; gootichi raayyaa keenyas waadaa biyyasaaf gale tokkicha lubbuusaa wareeguun aggaammii diinaa qolachuun injifannoon galmeessaa jiru bara xumuuraa jirru kana keessatti waan ta’eefi.

Tarkaanfiin seera kabachiisuu mootummaan fudhate kun injifannoon akka goolabamuuf, dambaliin ummataa daangaa hanga daangaatti socho’uun lammiileen humna, qabeenyaafi beekumsa qaban gumaachuu irra darbee biyyakoof anatu wabiidha miira jedhuun mootummaa bira dhaabbachuun hojii boonsaa hojjechaa jiraniin abjuu diinota keenyaa maseensuun gootummaa abboota keenya kaleessaa deebisnee ijaaruu keessatti qoodni ummanni keenya qabu olaanaadha.

Daandii Badhaadhinaa qabanneef lafee dugdaa kan ta’e, Piroojektiin Guddichi Hidha Laga Abbayaas diinota keenyaaf yaaddoo, ummata keenyaaf immoo abdii, ifaafi mul’ata guddinaa waan ta’eef, bara kana hojii diiplomaasii gurguddaa hojjetameen guutiinsi marsaa lammaffaa bishaan Laga Abbayaas raawwatamuun isaa ummanniifi mootummaan wal hubachuufi wal bira dhaabbachuun injifannoon boonsaan galmeessan masaanota keenyaaf dhaamsa jabaa kan dabarse ta’uun isaa ifa.

“Warqeen Abiddaan Qoramtee Faaya Gati Jabeessa Taati” akkuma jedhamu, qormaatilee gamaa gamanaa nu qunnamaa turan carraatti jijjiiruun ummata keenya bal’aa waliin taanee injifannoon cehuu dandeenyeerra. Jalqaba bara haaraa kanattis, lammiileen hedduun irratti hirmaachuun mootummaa sagalee isaaniin filatan hundeessuun badhaadhina hunda galeessa hawaasa keenya magaalaafi baadiyyaa keessa jiraatu hunda biraan gahuuf hojiin hanga ammaatti hojjenne agarsiiftuudha.

Kanaaf, injifannoowwan gurguddoo bara kana galmeessineen, bara haaraa kana yommuu simannus, bara dabarsine keessatti hojiiwwan itti milkoofne akka injifannootti qabannee muuxannoowwan milkaa’ina keenyarraa argaman immoo qindeessuun yaadaafi xiinsammuu haaraan, mul’ataafi karoora haaraan bara haaraa simachuun injifannoo dabalataa galmeessuu akka dandeenyu shakkii hin qabu.

Hundaa’ol, hawaasa fayyaa qabutu waan karoorfate galmaan gaha waan ta’eef, dhibee COVID-19 irraa of eeguun fayyummaa keenyaaf wabii ta’uutu nurra jiraata. Gama biraan, galmoota gurguddoo qabanne milkeessuuf lammiileen hundi nageenya naannoo isaanii tikfachaa misooma jalqabne itti fufsiisuu, diina guddinaafi birmadummaa biyya keenyaatti aggaamus gamtaan akkuma kaleessaa qolachuun hiyyummaa badhaadhinatti jijjiiruuf xiiqiin hojjachuu, maddoota komii bulchiinsa gaarii ta’an sakatta’uun fala kaa’uuf hojimaataafi sirna kenniinsa tajaajilaa keenya fooyyessuun hojii ijoo tokko ta’ee, qaala’iinsa jireenyaa ummata keenya yeroo ammaa deddeebisee qoraa jiru to’achuuf tarkaanfilee gurguddaa gama mootummaan fudhatamaa jiran itti fufsiisuuf ummanni mootummaa waliin ta’ee qaamolee kanaaf sababa ta’an saaxiluu keessatti gaheesaa adda durummaan bahachuu qaba.

Caffeen Oromiyaas, waggoota shanan itti aananiif baallii fudhatee hojjetus hojii manaa bule kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun gahee bakka bu’ummaasaa adda durummaan bahachuun fedhiifi faayidaa ummata isaa mirkaneessuuf yeroo kamuu caalaa cimee kan hojjatu ta’a.

Caffeen amma Gadaasaa xumuuraa jirus, muuxannoowwan qabu hunda qindeessee Caffee itti aanuuf kan dabarsu yommuu ta’u, Caffeen itti aanus humnaafi beekumsa qabu hunda qindeeffatee mul’ataafi karoora haaraadhaan fedhiifi faayidaa ummata bakka isa buufatee mirkaneessuutu irraa eegama.

Ummanni keenyas, qaama sagalee isaatiin bakka buufateen mootummaa haaraa hundaa’u kana tumsuufi cimsuun misooma ariifachiisaa, badhaadhina hunda galeessa galmoota gurguddoo gama hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaan qabanne mirkaneessuudhaaf deeggarsi ummata keenyaa caalaatti cimee itti fufuu qaba dhaamsa jedhu dabarsaa, irra deebi’uun ummata naannoo keenya hundaan BAGA JALA BULTII BARA HAARAA 2014n ISIN GAHE jechaa barri haaraa dhufu kan nagaa, gammachuu, milkaa’inaafi badhaadhinaa akka nuuf ta’uuf hawwiin qabu ibsa.

Loomii Badhoo

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Qaammee 05,2013

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.