Fana: At a Speed of Life!

Adwaan Sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura- Pirz. Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Adwaan Sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.

Pireezidaanti Saahilawarq Sagantaa Injifannoo Adwaa 127ffaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamerratti haasawaa taasisaniin, Injifannoo Adwaan Ityoophiyaanonni diina meeshaa ammayyaa dacha hedduun isa caalaa hidhate injifachuun, dhiiga isaanii lolaasuun Ityoophiyaa bittaa gabrummaa jalaa oolchaniiru jedhan.

Injifannoon Adwaa hiikkaa hedduu qaba kan jedhan pireezidaant Saahilawarq Zawdeen, sirni bittaa gabrummaa saffisa olaanaan Afrikaatti eegalame gufachiisuu ibsaniiru.

Hundeeffama Afrikaa ammayyaaf gahee olaanaa ba’achuus eeranuun, sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura ta’uu addeessaniiru.

Wayita weerara faashistii Ityoophiyaa baraaruuf uummanni gurraachii fiixee addunyaa mararraa ka’uu ibsaniiru.

Ayyaana Adwaa kabajuuniifi dinqisiifachuun addunyaan karaa dheeraa imaluu ibsan, kan addunyaan dinqisiifate nuti ammaa sanaa olitti kabachiisuu qabna jedhan.

Seenaan boonsaan kun seenaa itti burjaajofnu ta’uu hin qabu jedhaniiru.

Seenaan biyya kamiiyyuu gariifi yaraa qabaachuu eeruun, jaallannes jibbines seenaan ni galmeessa jedhan haasawaa isaaniin.

Hoggantoota dabalatee Adwaan injifannoo Afrikaati jedhanii kan socho’an hedduun jiraachuu ibsaniiru.

Adwaarratti gaheen dubartootaas guddatee mul’achuu ibsaniiru.

Biyya itti fusiisuun gahee keenyaafi dhaloota haaraati jedhaniiru.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.