Fana: At a Speed of Life!

Adwaan faajjii Bilisummaa Afrikaanotaati –Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) –Adwaan faajjii bilisummaa Afrikaanotaa , agarsiiftuu heddumminaa fi tokkummaatti jedhan Itti gafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Obbo Fiqaaduun Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababbeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gaditiin dhiyaateera.

Adwaan mallattoo tokkummaa, gootummaa fi heddumminaa, bu’aa wareegama Itoophiyaanota hundaatiin argamee fi injifannoo uummata gurraacha mataa ol qabachiisee fi bilisummaa goonfachiisedha.

Injifannoon kun seenessa badaa gurraachaa fi adii gidduu jiru bu’uuraan kan jijjiire, eenyummaa uummattoota gurraachaatiifis ragaa kan ba’e guyyaa addaati.

Tokkummaan iccitii injifannoo fi milkaahinaa akka ta’e lammiileen Itoophiyaa bahaa fi lixarraa, kaabaa fi kibbarraa, amantaa, afaan, aadaa, bifaa fi ogummaa qabaniin osoo hin daangeffamin waloodhaan dhaabbatanii injifannoo cululuqaa gootummaa keenya ifatti dhugoomse galmeessuun humna tokkummaan qabu ifatti mirkaneessaniiru.

Heddumminni bu’uura tokkummaa fi obbolummaa, madda injifannoo fi milkaahinaa male ka’umsa garaagarummaa akka hin taanes dhugoomsaniiru.

Adwaan seenaa keenya kaleessaa injifannoodhaan kan barreesse, har’a tokkummaa fi obbolummaadhaan akka waliin imalluuf daandii kan nuuf akeeke, boruu keenya ammoo abdii miira gootummaatiin guutameen kan dabaaledha.

Goototni kaleessaa diina tokkummaa keenya diiguuf onnate dura dhaabbatanii ofirraa gaggeessaniiru, gurraachota hundattis maqaa gaarii horaniiru.

Ityoophiyaan biyya fedhii diinota isheetiin galma yaadde hanqattuu fi gufattu akka hin taane akkasumas, qormaata ishee muudatu kamiifuu osoo harka hin laatin hirmaannaa ilmaan isheetiin diina qaanessitee fuula dura kan imaltu akka taates agarsiisaniiru.

Dhalootni har’aatis gootummaa abboota isaa dhaaluudhaan amaanaa isa harka qaqqabe tiksuu fi dhaloota boruu dhaalchisuun mjurteessaadha.

Obbolummaa Sabdaneessaan faayamnee tokkummaa keenyas jabeeffannee waloodhaan fuula duratti imaluun gaheef dirqama dhaloota har’aa harka jirudha.

Guyyaa injifannoo Adwaa yommuu kabajnu obbolummaa sab daneessaan faayamnee miira Ida’amuutiinis waliin dhaabbannee badhaadhina biyya keenyaatiif gumaacha akka taasifnu dhaamsan dabarsa.

Fiqaaduu Tasammaa

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

Gurraandhala, 2015

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.