Fana: At a Speed of Life!

Adwaan dirree injifannoo gurraachootni warra adii itti qaanessaniidha – BDhKMNO

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Adwaan dirree injifannoo gurraachootni warra adii itti qaanessanii fi seenaan yoomuu hin dagatamne kan itti galmaa’e ta’uu Biiroon Dhimmoota Komminiikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiya beeksise.

Injifannoon Adwaa injifannoo waloo ummattoota biyyattiiti jedha ibsi biirichi baase.

Injifannoon Adwaa kan gootummaa fi onneen Oromoon birmadummaa biyya kana tiksuu, eeguu fi itti-fufsiisuu keessatti taasise itti mul’ateedha.

Adwaan dirree irreen gootota ummaattoota Ityoophiyaa hagam cimaa akka ta’e ragaan seenaa kan itti galmaa’e jedha ibsichi.

Seenaa injifannoo boonsaa kana keessaa tarsiimoo fi irree gootummaa gootota ilmaan Oromoo kanneen akka Baalchaa Saafoo, Qusee Diinagdee/ Fiitawuraarii Habtegoorgis Diinagdee/, Gabayyoo Gurmuu, Oromoo Raayyaarraa Alulaa Abbaa Naggaa, Raas Walee Marsoo, Adaal Tasammaa Goshuu, Raas Alii Mohaammad, Raas Makonnin Guddisaa fi kanneen biroo hedduu eeruun ni danda’ama jedha ibsi biirichi injifannoo Adwaa ilaalchisee baase.

Injifannoon Adwaa keenya yeroo jennu ga’ee olaanaa goototni ilmaan Oromoo injifannoo kana galmeessuu fi fiduu keessatti ba’an waan beeknufi jedha.

Guyyaa ayyaana injifannoo Adwaa yeroo 124ffaa kabajuu fi yaadachuun aarsaa fi wareegama gootummaa gootota Oromoo yaadachaan, Oromoon biyya kana ijaaruu, tiksuu, fi eeguun kabajashee sadarkaa addunyaatti goonfachiisuu keessatti kaleessas ga’ee fi shoorri isaa akkuma guddaa ture, har’as imaanaa dhaloota kaleessaa osoo hin gatin sadarkaa amansiisaa fi abdachiisaa ta’een ijaarsa biyya kanaa itti fufsiisuurratti argama.

Kanaafuu, Ummanni Oromoo birmadummaa fi kabaja Ityoophiyaa goonfachiisuu qofa osoo hin taane, tokkummaa biyyichaa fiduurratti ga’ee dachaa fi olaanaa ba’achaa ture fi ammas ba’achaa jira jedhan ibsi kun.

Injifannoon Adwaa injifannoo keenya ta’uu beeknee jijjiirrama argame kana ceesisuuf hunduu bakka jirruutti ga’ee isaa akka ba’u biirich dhaameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.