Fana: At a Speed of Life!

Adoolessa 23, 2016 eegalee jiraattota Sabbataa fi Dodolaa kuma 20 ol ta’aniif yaalli ijaa bilisaa ni kennama jedhame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Faawundeeshiniin Al Baasar Internaashinaal jedhamu Adoolessa 23, 2016 eegalee jiraattota Sabbataa fi Dodolaa kuma 20 ol ta’aniif tajaajila yaala ijaa bilisaa kan kennu ta’uu beeksise.

Naannawaa Sabbataatti Adoolessa 23 – 25, 2016 fi Dodolaatti ammoo Adoolessa 30, 2016 hanga Hagayya 4, 2016 kan kennamu ta’uu ibsameera.

Faawundeeshinichi tajaajilicha kennuuf qophii xumuruu beeksisuun, hawaasni carraa kanatti akka fayyadamu waamicha dhiyeesseera.

Feevan Bishawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.