Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi Waancaa Awurooppaan Deenmaarkii fi Islooveeniyaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa itti argatan ijoo dubbii ta’eera

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Adeemsi Waancaa Awurooppaan Deenmaarkii fi Islooveeniyaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa itti argatan hawaasa Ispoortii Kubbaa miilaa biratti ijoo dubbii ta’uu ibsameera.

Biyyoonni lamaan qabxii fi riikkardii walfakkaatu galmeessanis Deenmaark sadarkaa 2ffaa fi Islooveeniyaan ammoo sadarkaa 3ffaa akka argattu taasiifameera.

Akkaataa seeraa waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaan taphni waliin taphatanii fi galchiin lakkoofsisan akka ulaagaatti sadarkaa adda baasuuf gargaara.

Haa ta’uutii gareen lamaan tapha waliin taphataniin galchii 1 qixa bahanis, tapha ramaddii taphataniin galchii lama galchuun lama ammoo keessummeessaniiru.

Garee lamaaniif sadarkaa kennuuf mala kan dhabe Waldaan Kubbaa Miilaa biyyoota Awurooppaa namuusa akka ulaagaatti fayyadameera.

Kanaanis taphattoonni biyyoota lamaanii kaardii Keelloo qixa argachuu isaaniin namuusa leenjisaatti ce’uuf dirqameera.

Gargaaraan Leenjisaa Garee Kubbaa Miilaa Islooveeniyaa Kaardii Keelloo argachuu isaaniin Deenmaark sadarkaa 2ffaan marsaa moo’atanii darbuuf darbuu ‘Reuters fi Goal.com’ gabaasaniiru.

Islooveeniyaan sababa Kaardii Keelloo gargaaraa leenjisaan sadarkaa 3ffaa argattus yeroo jalqabaaf tapha moo’atanii darbuuf geesseerti.

Deenmaark tapha moo’atanii darbuun qopheessituu waancaa Awurooppaa 17ffaa Jarman waliin kan falmattu ta’a.

Gareen Islooveeniyaan waliin ramadamtu ammoo har’a murtaa’a.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.