Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa kenniinsa qormaataarratti hojiin qaamoolee nageenyaa waliin hojjetame jajjabeessaadha – Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) –Adeemsa kenninsa Qormaataarratti hojiin Qaamoolee nageenyaa fi qooda fudhattoota waliin waggoottan sadan darban hojjetame jajjabeessaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.
Adeemsichi yeroo garaa yerootti foyyaa’insa agarsiisuu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan himaniiru..

Raawwiin qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 bakka qooda fudhattoonni argamanitti gamaaggamameera.

Pirofeesar Birhaanuun gamaaggamicharratti haasawaa taasiisaaniin, qamoolee nageeyaa fi qooda fudhattoota waliin waggoottan sadan darban adeemsi kenninsa qormaataa yeroo garaa yerootti foyyaa’uu ibsaniiru.

Qamoolee nageenyaa gahee isaanii bahatanis galateeffataniiru.

komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallash Gabramikaa’eel gamaasaaniin, gareewwan shororkeessitootaa fi finxaaleeyyii qormann\i biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka hin gaggeeffamnee sochii taasisaa turan fashaleessuun qormaanni bakka maxxansa hanga wiirtuu Qormaataatti eegumsaa cimaa taasisuun karaa nagaan akka xumuramu taasisuu kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.