Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi ijaarsa bakka argisiisaa fi nyaachisa Waraabessaa tuuristootaaf mijataa taasisuu eegalchiifame

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC)- Galii Kitaabaa ida’amuu irraa argamuun adeemsi ijaarsa bakka argisiisaa fi nyaachisa Waraabessaa tuuristootaaf mijataa taasisuu eegalchiifame.

Pireezidaantii Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin Sirna ijaarsaa jalqabsiisuu fi dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Harar magaalaa hambaalee kiliyyaa fi kiliyyaa hintaane hedduu qabdu ta’uun kan beekamtu yoo ta’u, ijaarsi giddugalichaa sirna nyaachisa waraabessaa turistoota daawwataniif mijataa taasisuuf kan kaayyeffatedha.

Ijaarsicha kan eegalchiisan Obbo Ordiin Badiriin bakki fi dizaayiniin ijaarsa kanaa daawwattootaa fi tuuristootaaf mijataa akka ta’utti yaadamee qophaa’uu ibsan.

Hojii ijaarsaa gaggeeffamu cinaatti gurgurtaan kitaaba Dhaloota Idaa’amuu itti fufa jedhanii, dabalataan hawaasnii milkaa’ina kaayyichaaf deeggarsa akka taasisaa jira jedhaniiru.

Naannoo Harariitti hanga ammaatti Kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa Birrii miiliyoona 80 walitti qabamuu Obbo Ordiin Badrii ibsaniiru.

Giddugalichi hojiilee misoomaa fi tuuriizimii naannichaa ni guddisa jedhameera.

Galii Kitaaba Muummee Ministiraa Abiy Ahmadiin Barraa’e “Dhaloota Ida’muu” irraa argamuun naannoleen hundi misooma tuuriiziimiif akka oolchan kallattii kaa’amuun kan yaadatamuudha.
Nageessoo Kadirii fi Maraa’ol Kadiirtu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.