Adeemsi caalbaasii bittaa Doolara miiliyoona 1 addaan cite
Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC)-Hojii malaammatummaa ittisuu hatattamaan adeemsi caalbaasii bittaa Doolara miiliyoona 1 addaan cituu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa beeksise.
Komishinichi Waldaan Aksiyoonaa Hiddaase Teelekoom, adeemsi calbaasii bittaa meeshaalee “Solar Lantern” fi “Home System” akka addaan citu taasifamuu ibseera.
Kunis adeemsicharratti qorannoo gaggeeffameen sandni caalbaasii hirmaattotaaf ifaa fi haqa qabeessaan kan hindhiyaanne ta’uu, koreen teekinikaa iftoominaan kan hingamaaggamamne ta’uu, qabxii madaallii teeknikaa qulqullina meeshaalee bitamaniif kenname gadaanaa ta’uu fa’aan eerameera.
Dabalataan qabxiiwwan madaallii walqabatan biroon qabxii olaanaan kennamuu, qajeelfamni bittaa sadarkaa olaanaan kan hinkabajamne ta’uun, adeemsicha keessatti hariiroon hinmalle uumamuun walitti bu’iinsa faayidaaf saaxilamuun kanneen akka adeemsichi addaan cituuf sababa ta’an keessaa ta’uu akeekeera.
#Oromia #Ethiopia