Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi Ajandaa walitti qabuu Afaaritti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)–Marii Biyyaalessaaf adeemsi ajandaa walitti qabuu Naannoo Afaaritti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Naannichatti Fulbaana 21, 2017 eegalee guyyoota ja’aaf Magaala Samarattii mariin ajandaa walitti qabuu gaggeeffamaa kan turee yoo ta’u, bakka bu’oonni maricharratti hirmaataan ajandaa gurmeessan Komishinii Marii Biyyaalessaaf dhiyeessaniiru.

Adeemsa marichaarratti aanaalee 49 irraa bakka bu’oota 800 ol dabalatee paartilee siyaasaa, qaamolee mootummaa, namoota bebbeekamoo fi bakka bu’oonni waldaalee dhaabbilee garaagaraa 700 hirmachuun ibsameera.

Minitasinoot Mulugeetaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.