Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa seenessii waloo ijaaruu keessatti Aartiin gahee olaanaa qaba-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 7, 2017 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti adeemsa seenessii waloo ijaaruu keessatti Aartiin gahee olaanaa qaba jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar.

“Aadaa fi Aartii walooma ummataa fi ijaarsaa maqaa gaarii biyyaaf” mata duree jedhuun sosochii baatii sadiif turu Ministeeraa Aadaa fi Ispoortiin eegalameera.

Sirnicharratti Obbo Aganyawu Tashaagar akka jedhanitti Aartiin hojii fi misoomaaf lammiilee kakaasuuf, beekumsa ummatootaa dhaloota ittaanuutti ceesisuuf gumaacha olaanaa qaba.

Hariiroo sabaa fi sabalammootaa giddu cimsuutti dabalataan akka biyyaattii adeemsa seenessii waloo ijaaruu keessattis ni gumacha jedhan.

Ogeeyyiin aartii ga’umsaa qaban fayyadamuun qabeenya waloo Itiyoophiyaan qabdu ifa baasuun itti gaafatamaa biyyummaa akka bahatan waamicha taasisaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaan gama isaaniin, dameen aartii, imalaa badhaadhinaa biyyattii keessatti lammiilee hirmaattota misoomaa horachuuf, damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasa keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Sagantaan sosochii qophaa’es, ogeeyyii damichaaf beekkamtii fi kabaja barbaachisaa kennuun dhalootaan akka yaadataman taasisuu, miira dorgommii uumuun hojiilee biyyaalessaa akka dadammaqsan taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa kanarratti ogeeyyii aartii naannolee fi bulchiinsa magaalotaa lameenirraa babba’an 67’f badhaasaa fi beekkamtiin kennameera.

Zabiib Takalaayitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.