Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa Nageenya deebisuu keessatti jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa hojiilee bal’aa hojjetaniiru-Obbo Geetaahuun Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa adeemsa nageenya deebisuu fi araarri akka bu’u gochuu keessatti hojiilee hedduu hojjechuu isaanii Ittaanaa Preezdaantii Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Geetaahuun Abdiisaa himaniiru.
 
Obbo Geetaahuun Abdiisaa haala nageenyaa fi dhimmoota yeroorratti abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa Godina Kaamaashii waliin mari’ataniru.
 
Obbo Geetaahuun akka jedhanitti, godinichaatti nageenya mirkaneessuu fi araarri akka bu’uuf jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa hojiilee bal’aa hojjechuu isaaniif galateeffataniiru.
 
Dabalataanis, erga nageenyi mirkanaa’uu eegalee, lammiileen akka qe’ee isaaniitti deebi’an, daandiin banamanii hawaasni sochii idileetti akka deebi’u, dhaabbileen miidhaman akka ijaaramanii fi hawaasni gara misoomaatti akka fuulleffatu gochuuf sochiin eegalamuu kaasaniiru.
 
Ta’us, darbee darbe hojiilee gaggaarii eegalaman hidhattoonni gufachiisuun bu’aan barbaadame dhufuu akka hindandeenye kaasaniiru.
 
Hirmaattooni marichaa gama isaaniin, mootumaan nageenya naannawichaa mirkaneessuuf hojiileen hojjete jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Obbo Geetahuun gama isaaniin, hundu gamtaan hojjechuu akka qabu kaasanii, mootummaan hojii araaraa buusuu jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaan eegalaman itti fufsiisuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru jechuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Godinaa Kaamaashiirra argamee ni mul’isa.
 
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.