Adeemsa Haqa hinqabne furuuf qindoomina barbaachisa-Shii Jiinpingi
Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Addunyaarratti adeemsa fi waraana haqa hinqabne furuuf biyyoonni waloon hojjechuu akka qaban Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi dubbatan.
Pireezidaanti Shii Jiinpingi walga’ii biyyoota Garee 20 (G20) Biraaziil Riyoo Dijeneerootti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, dhaabbilee idil addunyuaa fooyyessuun dhimmaa xiyyeeffannaa barbaaduudha jedhan.
Diinagdeen Addunyaa haqa kan hinqabnee fi loogiin kan guutameedha jedhanii, keessummaa hojiileen biyyoota guddachaa jiran giddugaleeffatan gaggeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Chaayinaan diinagdee magariisaa mirkaneesuuf, sababa jijjirama qabeenya qilleensaan dhiibbaa biyyoota guddachaa jiran irra ga’u hambisuuf walta’iinsaan kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.
Addunyaan nagaa ta’uu waan barbaadduuf biyyoonni garee 20 Mana Maree Nageenyaa cina dhaabbachuu qabu jedhaniiru.
Waraanaa Raashiyaa-Yuuklireen, waraana Gaazaatti gaggeeffamaa jiruun walqabatees deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun akka barbaachisu akeekaniiru.
Afawarqi Iyyaayyuutiin
#Oromia #Ethiopia