Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa haaraa waliin kan walsimuu hojii miidiyaa fi kominikeeshinii akka barbaachisu eerame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Imalaa jijjiiramaa akka biyyaalessatti eegalame, barsiifataa fi kallattii haaraa waliin kan walsimu hojiilee miidiyaa fi kominikeeshinii akka barbaachisu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun ibsan.

“Waliigaltee bu’aa qabeessa dagaagina Ityoophiyaaf” mataa duree jedhuun, leenjiin hoggantoota quunnamtii ummataa dhaabbilee federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa akkasumas hoggantoota miidiyaaleef kennamaa jira.

Dooktar Laggaasaa Tulluun walatajjicharratti haasawaa taasisaniin hojiileen kominikeeshinii, ummatootaa gidduutti hariiroo gaarii uumuun rakkoolee furuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Dameen quunnamtii ummataa hariiroo gaarii uumuun, fedhiiwwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa milkeessuuf gahee qabu kan bahatu tooftaalee adeemsaa hordofuun ta’uu eeruun kanas sirnaan fayyadamuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Ajandaa bocuurratti rakkoolee bu’uuraa mul’atan furuu fi kominikeeshinii haala yeroo faanaa deemu hordofuu qabna jedhaniiru.

Leenjii kanarratti ogeeyyii quunnamtii ummataa fi kominikeeshinii 200 ol akka hirmaataan TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.