Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa filannoorratti waliigaltee dhabamuu fi mormii ka’an furuurratti abbooti seeraaf leenjiin kennameera

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Adeemsa filannoorratti waliigaltee dhabamuu fi mormii ka’an furuurratti abbooti seeraa federaalaa fi naannooleef leenjiin kennameera.

Adeemsa filannoorratti waliigaltee dhabamuu fi mormii ka’an furuurratti abbooti seeraa federaalaa fi naannooleef leenjii kennaa jiraachuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Itti Aanaa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa obbo Salamoon Araddaa leenjicharratti argamuun saganticha haasaan bananiiru.

Miseensi hoggansa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Dooktar Geetaahuun Kaasaa galmeen partilee siyaasaa, labsii filannoo fi sirna filannoo lakkoofsa 1162/11 ilaalchisuun ibsa bal’aa taasisaniiru.

Daayrektarri Intarnaashinaal Fawundeeshin For Elektooraal Sistaams Kaantir Raakeb Abaataa gama isaaniin adeemsa filannoo ilaachisuun ibsa laataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.