Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa Caasaa Paartii Cimaa ijaaruu keessatti gaheen Komishinichaa Olaanaadha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Adeemsa Caasaa Paartii cimaa ijaaruu keessatti gaheen Komishinii Namuusaa fi Inispeekshinii Olaanaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa gamaaggama raawwii hojii gaggeessaa jiraachuun ibsameera.

Gamaaggamicharratti Obbo Adam Faaraahin haasawaa taasisaniin, dandeettii dhaabbatummaa komishinichaa giddugaleessarraa eegalee hanga sadarkaa dakaatti cimsuuf sochii taasifameen caasaa komishinichaa cimaan uumamaa jiraachuu beeksisan.

Komishinichi caasaa dhaabbatummaa Paartichaa ta’uutti amanuun walqabatee ilaalchoonni calaqqifaman akka sirratan, caasaaleen paartichaa sadarkaan jiran humna namaa fi dhimmoota garaagaraan deeggarsa taasisuu akka qaban, yaad-deebii Komishichaarraa dhiyaatuu fudhachuun hojiirra oolchuu akka qaban kallattiin kaa’ameera.

Kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa Paartichaan kaa’amaniin, dhaabbataa Paartii cimaa uumuuf, Keessoo paartichatti diimookiraasii mirkaneessuuf, iftoominni hojmaataa akka jiraatu akkasumas sirna to’annoo fi hordoffii uumuuf tattaaffii taasifameen bu’aan galma’uun, kunis cimee itti fufuun barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan Paartichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.