Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa baruu fi barsiisuu teeknooloojiin deeggaruuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Adeemsa baruu fi barsiisuu manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa teeknooloojiin deeggaruuf Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii fi Dhaabbata Dhuunfaa Ameerikaa Sivili jedhamu gidduutti waliigalteen mallattaa’eera.

Waliigaltechas Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa fi Maanaajaraa Olaanaa Dhaabbatichaa Rashiidaa Haaddish mallatteessaniiru.

Waliigaltechi sadarkaa yaaliitti manneen barnootaa sadarakaa 2ffaa Finfinneetti hojiirraa kan oolfamuu yoo ta’u, bu’aalee argaman qindeessuun gara naannoleetti babal’isuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni dhuunfaa Ameerikaa Siviil jedhamuu dhaabbata seera qabeessa Ameerikaatti galmaa’e ta’uun ibsameera.

Manneen yaalii teeknooloojiin deeggaraman manneen barnootaatti ijaaruun odeeffannoowwan adeemsa baruu fi barsiisuu haala salphan akka walga’u taasisuuf dhaabbata hojjetuudha jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.