Addunyarratti jijjiiramni qabeenya qilleensaa rakkoo fayyaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Addunyarratti jijjiiramni qabeenya qilleensaa rakkoo fayyaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu ogeeyyiin damichaa beeksisan.
Dhaabbata Fayyaa dabalatee ogeeyyiin dhaabbilee fayyaa garaagaraarraa walitti babba’an 99 qorannoo fayyaa ifoomsaaniin sadarkaa addunyaatti jijjiirramni qabeenya qilleensaa rakkoo fayyaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Dhibeewwan hanqina wabii midhaan nyaataa, dhibee daddarboo fi hoo’ina waliin walqabatanii dhufaniin carraan saaxilamuu daraan dabalaa jiraachuu qorannichi ifoomseer.
Akka qorannichaatti du’aatiin sababa hoo’inaan walqabatanii uumaman % 2/3 dabaleera.
Hammi hoo’aa fi jijjiirrama qabeenya qilleensaa dhibeewwan Onnee fi qaamolee hargansuu dabalatee dhibeen xinsammuuf ka’umsa olaanaa ta’aa jiraachuu eerameera.
Biyyoonni addunyaa jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti tarkaanfii ariifachiisaa yoo fudhatan lubbuu lammoota miiliyoonaan lakkaawwaman baraaruun kan danda’amu ta’uu qorannichi ibseera.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, hoggantoonni addunyaa tarkaanfii rakkoo jijjiirramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisaa jiru waliin wal madaalu fudhachuu akka qaban hubachiisaniiru jedhame.
Hoggantoonni biyyoota addunyaa baatii dhufu dhimma jijjiirrama qabeenya Qilleensarratti Ijiptitti mari’achuuf ta’uu BBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.