Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 40 caale
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2013 (FBC) – Vaayrasiin koroonaa Chaayinaa magaalaa Wuhaan keessaatti erga muul’ate baatiiwwan 9 keessaatti namoota miiliyoonni 40 ol qabu ibsameera.
vaayrasichaan namoonni miiliyoonni 1 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Namoonni miiliyoonni 29 ol dhibicharraa dandamataniiru.
Lammiileen biyyoota akka Ameerikaa, Hindii fi Biraaziil irra caalaan vaayrasichaan hubamaniiru.
Ameerikaatti namoonni miiliyoona 8.3 ol vaayrasichan yoo qabaman, kumni dhibbi 2 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Hinditti namoonni miiliyoonni 7.4 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 1 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Biraaziilittis namoonni miiliyoonni 5.2 ol vaayrasii koroonatin yoo qabaman, kumni dhibbi 1 ol lubbuun darbera.
Afrikaatti ammoo namoonni miiliyoonni 1.6 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kumni 39 ol ammoo lubbuu darbeera.
Ityoophiyaan lakkoofsa namoota vaayrasichaan qabamaniin akka addunyaatti sadarkaa 49 akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 4ffaa irratti argamti.
Hanga gabaasni kun qindaa’utti Ityoophiyaatti namoonni kumni 88,434 covid-19 yoo qabaman, kumni 1, 346 lubbuun darbeera.
Namoonni kumni 42,099 ammoo dhibicharra dandamataniiru.
Maddi:-Worldometers
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.