Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaanmanii qabamanii ariitiin dabalaa jira

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii ariitiin dabalaa jiraachuu himame.
 
Addunyaarratti namoonni vaayrasii koroonaa qabaman miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 fi kuma 40 ol ga’uu ragaan Yuunvarsiitii Hopkiins irraa argame ni agarsiisa.
 
Namoota qabaman kana keessaa namoonni kuma 90 ta’an du’aniiru jedham.
 
Namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 42 ol ammoo dhibichaarraa fayyuu isaanii ibsameera.
 
Xaaliyaatti qofa ogeeyyiin yaalaa kumni 13 fi 522 dhibichaan qabamaniiru.
 
Dooktaroonni biyyaattii 100 ol lubbuu dhabuu isaanii himameera.
 
Ameerikaatti namoota vaayrasichaan du’an keessaa %70 lammiilee bifaan gurraacha ta’aniidha jedhame.
 
Ingilizitti guyyaa har’aa qofa namoonni 881 lubbuu dhabaniiru jedhame.
Afrikaatti namoota kuma 11 fi 591 qabaman keessaa namoonni 578 du’aniiru.
 
Ardichatti namoonni kumni 1 fi 428 dandamataniiru.
 
Ollaa Ityoophiyaa Jibuutiitti namni tokko jalqabaaf guyyaa har’aa yoo du’u, biyyattiitti namoonni dhibichaan qabaman 140 ga’aniiru jedhame.
 
Ityoophiyaatti namoota dhibichaan qabaman 56 keessaa lama yoo du’an, namoonni lama lubbuutti jiru jedham.
 
Maddi:-CGTN, BBC fi CNN
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.