Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii saffisaan dabalaa jira

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii saffisaan dabalaa jiraachuu himame.
 
Akka lakkoofsa Faranjootaa Muddee 29, 2019 Chaayinaa bulchiinsa Wuubee magaalaa Wuhaaniitti kan muul’ate vaayrasiin koroonaa baatii muraasa keessatti addunyaa waliin ga’eera.
 
Akka ragaan Worldomeetir muul’isutti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii miiliyoona 15 fi kuma dhibba 6 fi kuma 90 caaleera.
 
Namoonni miiliyoonni 9 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 72 dhibicharraa yoo dandamatan, namoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 37 fi 354 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Sa’aatii 24 darbetti qofa namoonni kumni dhibbi 3 ol dhibee kanaan qabamaniiru.
 
Waliigala yeroo ammaa vaayrasichi namoota miiliyoona 5 fi kuma dhibba 4 fi kuma 13 olirratti kan argamu yoo ta’u,
namoonni kumni 66 fi 263 hordoffi wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Vaayrasichi biyyoota addunyaa 213 keessatti muul’ateera.
 
Akka Afrikaattis namooota dhibichaan qabaman kuma dhibba 7 fi kuma 93 fi 952 keessa lubbuun namoota kuma 16 fi 781 darbeera.
 
Ityoophiyaattis Bitooteessa 4, 2012 jalqabaaf kan muul’ate yoo ta’u, hanga ammaatti namoonni kumni 11 fi 933 dhibichaan qabamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.