Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 28 darbe

Finfinnee, Fulbaana 3, 2013 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 28.9 ol darbuu ibsame.

Akka ragaan ‘Worldometer’ irraa argame muul’isutti addunyaarratti namoota miiliyoona 28.9 ol vaayrasii koroonaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 9 fi kuma 25 olii darbeera.

Namoonni miiliyoonni 20.8 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.

Afrikaatti namoonni miiliyoonni 1.3 ol dhibichaan kan qabaman yoo ta’uu, isaan keessaa lubbuun namoota kuma 32 olii darbeera.

Ityoophiyaattis namoota kuma 63 fi 888 dhibichaan qabaman keessa lubbuun namoota 996 darbeera.

Namoonni kumni 24 ol ammoo dandamataniiru.

Ityoophiyaan baayy’ina namoota vaayrasichaan qabamaniitiin Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa irratti argamti.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.