Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 24 caale

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrsaii koroonaan qabamanii miiliyoona 24 caaluu ibsame.
 
Erga weerarri vaayrasii koroonaa addunyaarraatti muu’atee namoonni miiliyoonni 24 fi kumni 70 fi 812 vaayrasichaan qabamaniiru.
Akka ragaan‘Worlidoomeetirs’ irraa argame agarsiisuutti hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 8 fi kumni 23 fi 687 vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 16 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 20 fi 943 ammoo dhibichaarraa dandamataniiru.
 
Akka ragaan kun muul’isutti namoonni miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 64 fi 394 yaalarratti kan argaman yoo ta’u, namoonni kumni 61 fi 788 ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
 
Ardii Afrikaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 7 ol dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 28 fi 334 darbeera.
 
Namoonni kumni dhibbi 9 fi kumni 34 fi 192 yoo dandamatan, namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 45 fi 97 ammoo yaalarratti argamu.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.