Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii miiliyoona 4 caale
Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii miiliyoona 4 caaluu ibsame.
Hanga ammaatti namoota vaayarsichaan qabaman miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 85 fi kuma dhibba 9 fi kuma 74 keessaa lubbuun namoota miiliyoona 4 fi kuma 20 darbuu himameera.
Namoonni miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 70 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 81 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
Talaallii vaayrasichaa milkeessuuf hirmaannaan biyyootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu cimuu akka qabu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutarees waamicha dhiyeessaniiru.
Ameerikaa, Hind, Biraaziil, Faransaayii fi Raashiyaan biyyoota weerarichi daraan miidhe keessaa adda dureedha.
Maddi:-CGTN fi Worlidoo Meetirs
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.