Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti guyyaa tokkotti namootni 284,000 ol Covid-19 qabaman

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Addunyaarratti guyyaa tokkotti namootni 284,000 ol Covid-19 qabaman.

Biyyoonni baay’een uggura laaffisaa jiraatanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) garuu lakkoofsi namootaa guyyaa tokkotti Covid-19 qabaman guutuu addaunyaarratti dabalaa jira jedheera.

Dhaabbatichis sa’aatii 24 darban namoonni haaraa 284, 196 vaayrasii koroonaadhaan qabamaniiru.

Namoonni 9,753 yoo du’an kunis eega Ebla booda lakkoofsa ol’aanaa guyyaa tokkoo ta’uusaa ibseera.

Rooyitarsi lakkaawwii guyyuu kootiin biyyootni aaddunyaa 40 ta’an guyyaatti namoota Covid-19’n qabaman kan kanaan dura galmeessaa turanirra isa olaanaa galmeessaniiru jedhee gabaase.

Kutaalee addunyaa hunda keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiras jedhe.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.