Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti guyyaa tokkotti namoonni 294,000 COVID-19 qabaman

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) – Adduunyaarratti sa’a 24 darbee keessatti namoonnii 294,000 vaayrasii koroonaan qabamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Lakkoofsichiis olaanaa ta’uun galmaa’eera.

Addunyaarratti hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 21 ol vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni 771,000 ol sababa vaayrasiichan lubbuusaanii dhabaniiru.

Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 5.5 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota 170,000 darbeera.

Biraaziilitti namoonni miiliyoonnii 3.3 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuu namoota 107,232 darbeera.

Hinditti namoonni miiliyoonni 2.5 vaayrasichaan yoo qabaman,lubbuun namoota 49,980 darbeera.

Afrikaa kibbaatti ammo namoonni 583,653 vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni 11,677 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Yaa ta’uu malee Preezidaantiin Afrikaa kibbaa Siriil Raamaafoosaan, namoonni Covid-19 qabaman hir’achaa waan dhufeef uggura laaffisaa jiru.

Uggurichis Wiixarra kaasee ni kaafama jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.