Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti guyyaa tokkotti namoonni 260,000 vaayrasii koroonan qabaman

Finfinnee, Adooleessa 12, 2012 (FBC) – Sadarka idil addunyaatti guyya tokkotti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 60 ta’an vaayrasii koroonan qabamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Kuniis erga weerarichi adduunyarratti muul’ate yeroo duraf guyyaa tokkotti namoonni nuusa miiliyoona tokkoo olii qabamaniiru jedhameera.

Biyyoota harkii caalaan namootni haaraan keessaatti qabaman Ameerikaa, Biraaziil, Indiyaa fi Afrikaa Kibbaadha jedhameera.

Guyyaa tokkotti namoonni  kumni  7 fi 360 ol ta’aniis lubbuu isaanii darbeera.

Waliigala adduunyarratti namoonni miiliyoona 14.4  ol vaayrasichaan yoo saaxilaman ,lubbuun namoota kuma dhibba 6oliis darbeera.

Maddi:-BBC fi Worldometer

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.