Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti biyyoonni 54 yeroo hafuura fudhannaa liqii akka barbaachisuun ibsame

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC) – Sadarkaa idil addunyaatti yoo xiqqate biyyoota guddataa jiran 54 dabalatee biyyoota Afrikaa Gammoojjii Sahaaraa gadii 25 hiyyummaa hammaataa keessa akka hinseenneef yeroo hafuura fudhannaa liqii barbaachisa jechuun Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Kaleessaa dhaabbatichi gabaasa baaseen, kufaatii diinagdeef deebii biyyoonni kennanii fi dhiibbaa hordofsiisuu danda’u akeekeera.

Dhiibbaa idaa liqii salphisuuf kan gargaaruu fi sirreeffamaa liqii taasisuuf kan tumsu tarkaanfii imaammataa gabaasichaan eereera.

Biyyoonni 54 baay’innii ummataa addunyaa %18 keessatti argaman ta’uu kan eeru gabaasni sagantichaa, kanneen keessaa %50 ol hiyyummaa hammaataa keessaa kan jiraniidha jedheera.

Akka gabaasichaatti yeroo hafuura fudhannaa liqii barbaachisuu dhiyeessuu dhabuun gatii olaanaa kaffalchiisa.

Biyyoonni badhaadhan dhiibbaa idaa liqii dhaabuuf abba qabeenyaa ta’uu kaaseera.

Yeroo hafuura fudhannaa liqii biyyoota guddataa jiranii fi biyyoota badhaadhaniif walqixa hojiirra oolchuun kan itti yaadamu miti jechuun CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.