Fana: At a Speed of Life!

Addunyaan akka dorgomaniif barattoota ga’oomsuuf hojjechuun barbaachisadha-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Sirna Barnoota Ityoophiyaan, addunyaa waliin dorgomuu akka danda’aniif barattoota ga’oomsuun barbachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.

Ministeerichi miseensoota Mana Maree Gorsitoota Barnootaa waliin mata duree “Sirna Barnootaa keenyaan dhaloota akkamii haa ijaarruu” jedhuun mari’ateera.

Maricharratti, Pirofeessar Birhaanuun, sirna barnootaa Itiyoophiyaan barattoota, dandeetti, ogummaa, naamusaa fi fedhii qaban horachuuf hojjechuun barbachisaadha jedhan.

Sirna qormaataa hanga ammatti tureen barattoota kutaa 12ffaa qoraman, beekumsa isaanii madaaluu fi kutaa 12ffaa xumuruu yookan Yuunivarsiitii seenuuf akka danda’anii fi hindandeenye gamaaggamuun, fulduraatti fooyyessuun akka barbaachisuus dubbachuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.