Fana: At a Speed of Life!

Addunyaaarratti lakkoofsi namoota dhibee Covid -19 irraa dandamatanii miiliyoona 5 caale

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC – Addunyaarratti namoota miiliyoonaa 9 fi kuma dhibba 3 fi kuma 93 ol dhibee Covid -19 qabaman keessaa namoonni miiliyoonni 5 fi kumni 78 fi 873 dandamachuu ibsame.

Lubbuun namoota kuma dhibba 4 fi kuma 80 fi 579 darbeera.

Akka gabaasa Worldometeritti biyyoota Ameerikaa Kaabaa fi Kaaribiyaaniitti qofa lubbuun namoota kuma dhibba 1 olii vaayrasii kanaan darbeera.

Namoonni kumni 58 ol ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.

Ardii Afrikaattis namoota dhibichaan qabaman Kuma dhibba 3 fi kuma 28 ol keessaa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 57 fi 373 dandamataniiru.

Lubbuun namoota kuma 8 fi 662 ammoo darbeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.