Fana: At a Speed of Life!

Addunyaa har’aa saffisaan deemaa jiru kana keessatti, barumsa fi guddina ogummaarratti bobba’uun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC) – Addunyaa har’aa saffisaan deemaa jiru kana keessatti, barumsaa fi guddina ogummaarratti bobba’uun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Barattoota boqonnaarra jiran, ogeeyyii jijjiiramaa, Namoota beekumsaan of ijaaruuf biyya keessaa fi biyya alaa keessatti dhiibbaa gaarii uumuuf fedhii guddaa qaban hundaaf pirojektiin ‘Coders’ miiliyoona 5 dursa isiniif kennuuf qophaa’eera jedhan.

Akkaataa barumsaa fi beekumsaa isaaniin, akkasumasa sadarkaa kamiiyyuu haa ta’u, fedhii ogummaa guddisuufis ta’ee waan haaraa baruuf kan barbaadan hundaaf carraa gaariin banameera jechuun ibsan.

Dagaagsitonnii fi gabbiftoonni Ogummaa akkasumas Yuunivarsiitiwwan guutuu Itiyoophiyaatti argaman Piroojekticha fi sochii kana akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.

‘Kabajamtoota abbootii kalaqaa ciminni Itiyoophiyaa guddina keessanirratti kan bu’ureeffameedhan’ jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.