Fana: At a Speed of Life!

Adde Adaanech Gargaaraa Barreessaa Olaanaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Mgaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Gargaaraa Barreessaa Olanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gargaaraa Daayrektaraa Sagantaa Misoomaa Dhaabbatichaa akkasumas Daayrektara Naannawaa Ahunaa Izaakunuwaa waliin mari’ataniiru.
 
Mariin isaanis carraa hojii uumuu dargaggootaa fi dubartootaarratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
 
Akkasumas ajandaalee misoomaa garaagaraarratti waloon hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.