Fana: At a Speed of Life!

Addabaabayiin Masqalaa tajaajila dhaabbii Konkolaattootaa laachuu eegale

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Qaama Proojektii Addabaabayii Masqalaa kan ta’e iddoon dhaabbii konkolaattootaa sa’aatii 24f tajaajila laachuu eegaluu Giddugalli Dhaabbata Agarsiisaa fi Misooma Gabaa beeksiseera.
Birrii biiliyoona 2.5 oliin kan ijaarrame Proojektiin Addabaabayii Masqalaa baatii Waxabajjii darbee eebbifamuun kan yaadatamuudha.
Konkolaattoota kuma 1 fi 400 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’uu, tajaajila sa’aatii 24 laachuu eegaluu Hojii Raawwachiinsaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Xilahuun Taaddaasaa ibsaniiru.
Giddugalichi qophiiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaa gaggeeffamurraa bara baajataa 2014 keessa galii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 walitti qabuuf karoorfachuu obbo Xilahuun kaasaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.