Fana: At a Speed of Life!

Addaan citee kan ture mariin gamsadee Hidhaa Haaromsaa Kaariyootti eegale

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)-Addaan citee kan ture mariin gamsadee Hidhaa Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa guyyaa har’aa Ijibti Kaariyootti eegaleera.

Mariin gamsadee kun kanaan dura Emereetota Araba Gamtoomanii Abudaabiitti gaggeeffamuun wixinee waliigaltee qopheessuurra ga’amee kan ture ta’us ergasii marichi hingaggeeffamne ture.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantii Ijibti Abdulfattaa Al Siisii waliin Adoolessa 6, 2015, guutiinsa bishaanii, dambii fi qajeelfamoota gadi lakkisa bishanii irratti mari’ataniiru.

Marii kanaanis, Itiyoophiyaa, Ijibtii fi Sudaan gidduutti mariin gamsadee gaggeeffamu akka itti fufu waliigaltee irraa ga’an hordofee, mariin gamsadee har’a eegaleera.

Dursaan Garee Marii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Shilashii Baqqalaan haasawaa taasisaniin, mariin gamsadee biyyootaa sadeen gidduutti walta’iinsa cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan faayidaa dhaloota ammaa fi egeree cimsuuf mirgi bishaan Abbayyaa fayyadamuu bu’uura ta’uu kaasaniiru.

Hidhichi faayidaan biyyoota sadeeniif kennuu olaanaa ta’uun, Itiyoophiyaan qajeelfama fayyadamummaa haqa qabeessaa fi sababa bu’uureffateen ejjennoo ishee akka itti fuftu beeksisaniru.

Marichi waliigalteen akka xumuramus Itiyoophiyaan ni hojjetti jedhan.

Wixinee waliigaltechaa fi dhimmoota biroo walqabatan irratti akka mari’atamu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa irraa argame ni mul’isa.

Marichi fayyadamummaa fi mirga misoomuu Itiyoophiyaa akkaataa kabachiiseen gaggeessuufis qophiin barbaachisaan taasifameera jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.