Fana: At a Speed of Life!

Adda Waraanaa Walqaayititti ABUT irra kisaaraa cimaan ga’uu booji’amtoonni dubbatan

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)- Adda Waraanaa Walqaayititti garee shororkeessaa ABUT irra kisaaraan namoomaafi meeshaalee cimaan ga’uu booji’amtoonni dubbatan.

Gareen shororkeessaa ABUT humna qabnu hunda fayyadamnee Walqaayitiifi Raayyaa deebisuun Tigraay guddittii hundeessina jechuun gara waraanaatti isaan galchuu booji’amtoonni kunneen ibsaniiru.

Haa ta’u malee humni garee shororkeessichaa abjuu isaa osoo hin milkeessiin du’aa, madaa’aafi booji’amaa jiraachuu dubbataniiru.

Garichi dargaggootaafi guddattoota Tigraay humnaan dirqisiisuun addawwan waraanaatti bobbaasaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.