Fana: At a Speed of Life!

Adda citee kan ture waliigalteen qabeenya kennaan dabarsuu eegalame

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Sababa jijjiirraa noottii Birriin adda citee kan ture waliigalteen qabeenya kennaan dabarsuu har’aa eegalee jalqabuu Ejansiin Galmeessaa fi Mirkaneessa Sanadoota Federaalaa beeksise.
Daayreektarri olaanaan Ejansichaa Muluuqan Amaaree turstii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasiisaniin Fulbaana 7, 2013 eegalee hojmaanni dhaabbatichi nagahee baankii kaffaltii gurgurtaa qabeenya socho’aa fi hin sochoone itti raawwatame gaafachaa ture kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajiloota 51 laachaa kan jiru ejansichi tajaajila %70 ‘Online’ kan kennu ta’uu beeksiseera.
Amajjii 1, 2013 tajaajila haaraa laachuu kan eegalu ta’uu ibseera.
Tajaajilli Aksiyoonnii fi Waldaaleen dhuunfaa itti gaafatamummaan isaanii murtaa’e hundeeffamuu, dambii ittiin bulmaataa fi qaboo yaa’iisaanii erguun dhimma isaanii ‘Online’ akka xumuratan kan eegalamu ta’uu eeraniiru.
Finfinnee fi Dirree Dawaatti tajaajila laachuu kan eegale ejansichi % 50 dhimmoota maatii, waliigalaa fi bakka bu’iinsa abuukaatootaa irratti tajaajila kan laatu ta’uu ibsameera.
Tajaajilamtoota qabeenya kennaa yookaa gurgurtaan dabarsan % 20 keessammeessa jedhan.
Ejansichi guyyaan dhimamtootaa kuma 12 ol keessummeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.