Fana: At a Speed of Life!

Adda citee kan ture geejibni ummataa qaxxaamura naannoo guyyaa har’aa akka eegaluu Abbaan Taayitaa Geejibaa ibse

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)–   Adda citee kan ture geejibni ummataa qaxxaamura naannoo guyyaa har’aa akka eegaluu Abbaan Taayitaa Geejibaa ibse

 

Weerara vaayrasi koronaa ittisuuf jecha tajaajjilli geejibaa qaxxaamura naannoo adda cituu kan yaadachiisaan Abbaan Taayitichaa; guyyaa har’aa irraa eegalee garuu buufataaleen konkolaataa tajaajila geejiba ummataa qaxxaamura naannoo laatan ja’anuu hojii eegaluu ibseera.

 

Kana waan ta’eef geejibsitoonni tajaajila geejibaa qaxxaamura naannoo, giddu galeessaa fi gadi aanaa hawaasaaf wayita tajaajila laataan tajaajila barbaachisaa fi qulqullina isaa eeggate kennuu akka qaban hubachiisu ragaan Ministeera Geejibarraa argame ni muldhisa.

 

Bu’uuruma kanaan waldaa hojjettootaaf, konkolaachiftootaf, warren maallaqa fuudhanii fi gargaaraa konkolaachisaaf maaskii afaanii fi funyaanii, haguuggii harkaa (guunt), saanitaayzer (Alkoolii) dhiyaachufi akka qabu beeksiseera.

 

Konkolaachiftoonni bobbii fudhachuun dura bulchiinsa buufata konkolaataa waliin ta’uun biiffaa keemikaala taasisu akka qaban ibsameera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.