Fana: At a Speed of Life!

Adaanach Abeebee Daayreektara Baankii Addunyaa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan fi Sudaan Kibbaa waliin marii’atan

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee Daayreektara Baankii Addunyaa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan fi Sudaan Kibbaa waliin marii’atan.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee Daayreektara Baankii Addunyaa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan fi Sudaan Kibbaa Osmaan Diyoon waliin marii’ataniiru.

Daayreektara Baankii Addunyaa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan fi Sudaan Kibbaa Osmaan Diyoon dabalatee hoggantoota Baankii Addunyaa Ityoophiyaa jiran waliin haala rakkoolee bu’uura magaalaa Finfinnee tumsaan hiikuu ittiin danda’amurratti marii gaggeesaniiru.

Marii kanaan, Baankiin Addunyaa hojiilee misooma mul’ata magaalaa Finfinnee bakkaan gahuuf hojjatamaa jiran, keessattu; misooma biishaan, manneen jireenya, geejiba, bulchiinsa lafaa fi carraa hojii uumuu irratti dursa kennuun bulchiinsa magaalichaa gargaaruuf kutannoo qaban daareektarri Baankii Addunyaa kun mirkanessuu aadde Adaanach ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.