Adaamaatti manneen barumsaa Ifa Boruu 3 ijaaruuf dhagaan bu’uura ka’ame
Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)-Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti manneen barumsaa Ifa Boruu 3 ijaaruuf dhagan bu’uura ka’ameera.
Dhaga bu’uuricha sadarkaa itti aanaa preezdantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa, Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Baarisoo fi Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee waliin ka’aniiru.
Obbo Addisuu Araggaa, hirmaannaa dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti qabnu cimsuuf ganna darbe manneen barnootaa kuma 32 ol hirmaannaa ummataatiin ijaaramuu ibsaniiru.
Manneen barumsaa Ifa Boruu hundi hanga caamsaa 30tti kan xumuraman ta’uu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii magaalaa Adaamaarratti arganne ni muul’dhisa.