Fana: At a Speed of Life!

Adaamaa fi Biiroolee Oromiyaatti guyyaan Yaadannoo Haleellaa Raayyaa Ittisaarratti raawwatame yaadatame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Magaalaa Adaamaa fi Biiroolee Oromiyaatti guyyaan Yaadannoo Haleellaa Raayyaa Ittisaarratti raawwatame Onkololeessi 24 yaadatameera.

Guyyichi mata duree Onkolooleessa 24 yoommiyyuu hin irraaffannu jedhuun kabajameera.

Jiraattoonni magaalaa Adaamaa Raayyaan Ittisaa biyyaaf cinaa kan dhaabbatan ta’uu eeraniiru.

Hojjettoonni Biiroolee Oromiyaas guyyaa kana yaadataniiru.

Sirna yaadannoo kanarratti sadarkaa Itti aanaa pireezdaantiitti qindeessaa Kilaastera baadiyyaa Obbo Abduraamaan Abdallaa dabalatee hoggantoonnii fi hojjetoonni Biiroolee Oromiyaa argamaniiru.

Guyyaa kana sababeeffaachuun lakkoofsi ergaa gabaabaa 6800 irratti gooticha raayyaa ittisa biyyaatiif deeggarsa taasiisaniiru.

Akkasumas Arjoomni dhiigaa fi deeggaarsi adda addaa hojjattoota Biiroolee Oromiyaatiin gooticha raayyaa ittisa biyyaaf taasifameera.

Gammachuu Beekumaatu fi Dajanuu Gonfaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.