Fana: At a Speed of Life!

Adaamaa, Abbaa Jifaarii fi Walqixxeen Priimeyar Liigii Ityoophiyaatti deebi’uu mirkaneeffatan

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Bara dhufu kilaboonni naannoo Tigraay Priimeyar Liigii Ityoophiyarratti kan hin hirmaanne ta’uu isaaniitiin kilaboonni bara darbe Priimeyar liigii Ityoophiyaa keessa gadi bu’anii turan gara Priimeyar Liigii Ityoophiyyaatti deebi’uu isaanii mirkaneeffatan.

Wal morkiin kilaboota 6 hirmaachisuun Waxabajjii 18 irraa eegalee gaggeeffamaa tureen kilaboonni sadi ol ba’uu mirkaneeffataniiru.

Tapha marsaa xumuraa har’a gaggeeffameen Jimmaan Adaamaan 1fi 0 yoo injifatamu Walqixxeen Kolfee Qaraniyoo 3 fi 0 injifateera.

Jimmaa Abbaa Jifaar Adaamaan mo’amuus ,Kolfeen walqixxeen mo’amuu isaan wal qabatee sadarkaa 3ffaan darbuu isaa mirakaneeffatera.

Haaluma kannaan kilabni kubbaa miilaa magaalaa Adaamaa qabxii 13 ‘n sadarkaa 1ffaan, yoo darbu Walqixxeen qabxii 11’n sadarkaa 2ffaa , Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 7 sadaffaan darbaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.